Tender Detail

Tender Details

  • Deadline04 May 2023, 9:35 AM
  • magazine
  • Bid Document PriceNot stated in the notice
  • Bid SecurityNot stated in the notice
  • opening dateNot stated in the notice
  • Categories Disposal Sale

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa konkolaattotaa fi Motorsaayikiloota gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Caalbaasii Ifaadhaan dorgomsiisee gurguruu barbaada.


Caalbaasii Gurgurtaa Lakk. 09/2015

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa konkolaattotaa fi Motorsaayikiloota gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Caalbaasii Ifaadhaan dorgomsiisee gurguruu barbaada. Kanaaf-dorgomtoonni caalbaasicha irratti dorgomuu barbaaddan guyyaa beeksifni kun gaazexaa irratti bahee eegalee hanga Ebla 25/2015tti sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan yemmun ta'u

  1. Teessoon Ejensichaa Finfinnee Saar-Beet Addabaabayii Pushkiin daandi kara Qeeraa deemurra Waajjira Caffee osoo hin gahiin Gamoo Betelem, Daarektoreetii Bittaa, Bulchiinsa Qabeenyaa fi Faayinaansii Ejensichaa Darbii 1ffaa ti dhihaachuun Qarshii 200.00/dhibba lama/ kan hin deebine kaffaluun sanadicha bitachuu dandeessu.
  2. Sanada caalbaasis bitachur kan dandeessan guyyoota hojii yeroo hunda ganama sa'a 2:30-6:30 fi sa'a booda 7:30 11:00 tti qofa dha.
  3. Haala qabeenyichaa ilaalchisee hanga Ebla 25/2015tti guyyoota hojii yeroo hunda ganama sa'a 2.30- 6:30 fi sa'a booda 7:30-11:00 tri qofa haala sanada caalbaasii keessatti ibsameen bakka qabeenyichi argamutti dhihaachuun ilaahuu ni dandeessu.
  4. Dorgomtoonni sanada yaada dorgommii ykn gatii guyyaa beeksifni kun bahee kaasee hanga Ebla 26/2015tti sa'a 4:30 WD poostaa (envelop) saamsameen dhiheessanii saanduqa Ejensiin caalbaasichaaf qopheesse keessa galchuu qabu.
  5. Dorgomtoonni gatii walii gala dorgommiif dhiyeessan dhibbeentaa digdama (20%) kabachiisa caalbaasii C.P.O baankiin Mirkanaa'e qopheessuun poostaa gaaffii yaada dorgommii qophaa'e keessa galchuun dhiyeessuu qabu.
  6. Caalbaasichi Ebla 26/2015tti sa'a 4:30 W.D tti cufamuun guyyuma sana sa'a 4:45 WD bakka dorgomtoonni ykn. bakka buutonni seera qabeessa isaanii argamanitti ifaan ni banama.
  7. Manni hojichaa filannoo biroo yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen ykn guutummaan guutuutti haquuf mirgi isaa kan eeggamedha.

CPO hojjechiisuuf

Oromia Pubilic Procurement and Property Disposal Agency

Odeeffannoo dabalataaf Lakk. Bilbiluun 0118-342710/ 011-1-2368-27/01-11-2368-21 tti bilibuun hubachuun ni danda'ama Ykn. Ejensii Bittaa fi Dhabamisiisa Qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa

የኦሮሚያ ብሔራዊ ክልላዊ መንግት የመንስት ግዥና ንብረት ማስወገድ ኤጀንሲ

Finfinnee

Save Tender

የኢትዮጵያ ኤሌክትሪክ ኃይል ለተለያዩ አገልግሎት ሊውሉ የሚችሉ ንብረቶችን ባሉበት ቦታና ሁኔታ በብሔራዊ ግልጽ ጨረታ ለመሸጥ እንደሚከተለው አቅርቧል፡፡

READ MORE