Tender Detail

Tender Details

  • Deadline31 Aug 2022, 10:28 AM
  • magazine
  • Bid Document PriceNot stated in the notice
  • Bid SecurityNot stated in the notice
  • opening dateNot stated in the notice
  • Categories Promotional Items

Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil-addunyaa (KQDIA) kontiraaktarootni


AFFEERRAA IBSA FEDHII (AIF)

 Koree Qaxxaamura Diimaa Idil Adduunyaa 

Click The Links Below to find this tender in different languages:

For Amharic, For English, For Somali

  • E-Mail :  add_ purchasing_services@icrc.org
  • Guyyaa :  Adoolessa 22/2022
  • Lakk. Wabii AIF  :  WATHAB/ADD22/000260
  • Guyyaa/Sa’a Xumuraa: August 31/2022 waaree booda 6:00

Gaaffiin ibsa fedhii kun isin qaqqabuusaa karaa iimeelii add_purchasing_services@icrc.org tiin nu beeksisaa. Ibsa Fedhii irratti Lakkoofsi Ibsa fedhii caqasamee karaa teessoo ibsameen yookaan karaa teessoo iimeelii add_purchasing_services@icrc.org tiin Guyyaa fi Sa’a xumuraatiin dura yookaan irratti ergamuu qaba.  
Ibsi Fedhii kamiyyuu kan teessoo dogongoraa, kan armaan olitti ibsameen alatti ergamee, akkasumas kan  boodarra dhufe fudhatama hin argatu.
Ibsi fedhii Guyyaa/Sa’a xumuraa caqasameen booda dhiyaate kamiyyuu fudhatama hin qabu.
Jijjiramni Ibsa fedhiirratti godhame yoo jiraate guyyaa xumuraatiin dura kan fooyyeffamee dhiyaate ta’uunsaa caqasamee dhiyaachuu qaba
Ibsi Fedhii dhiyaatu hundi iccitiin isaa kan eegameedha 
Bu’aan adeemsa filannoo akkuma xumurameen daldaaltota hirmaatani hundaaf ni beeksifama.
KQDIA ibsa haala filannoo dhiyeessitootaa isaa isa dhumaa kamiiniyyuu kennuuf hin dirqamu.

Ibsa Fedhii (IF) 
Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil-addunyaa (KQDIA) dhaabbata idil-addunyaa, walabaa fi bilisa ta’ee miidhamtoota waraanaa fi haalawwan jeequmsaa biroo keessatti argamaniif eegumsa namoomaa akkasumas haala gargaarsaa kan mirkaneessuudha. KQDIA kontiraaktarootni, gorsitootni fi dhiyeessitootni Ibsa Fedhii Kutaa Injinariingii Bishaanii fi Bakka Jireenyaa keenyaaf dorgommii filannootiif ibsoota armaan gaditti diriirfaman irratti hundaa’uun akka dhiyeessan afeera.
 
1. Hojii walii galtee, tajaajila gorsaafi dhiyeessii meshaalee
 
A. Ramaddii tokkoffaa: Kontiraaktaroota hojiilee armaan gadiitiif

  • Kontiraaktara Ijaarsa Hojiiwwan Bishaanii (KIB)
  • Kontiraaktara Qotiisaa fi Haaromsaa Boolla Bishaanii (KQHBB)
  • Kontiraaktara Ijaarsa Hojiiwwan Elektiroomakaanikaalaa (KIHEM)
  • Kontiraaktara Hojiiwwan Ijaarsaa Gamoo (KHIG)
  • Kontiraaktaroota Waliigalaa (KWG) 

B. Ramaddii lammaffaa: Gorsitoota hojiilee armaan gadiitiif 

  • Hojiilee Haala Teessuma Lafaa
  • Hojiilee Xiinxala Lafaa fi Qabiyyee Bishaanii (Haydirooji’olojii)
  • Gorsaa xiinxala fedhii Elektirikaa irratti bobba'e (tajaajila gorsaa anniisaa, haala naannoo, jijjiirama qilleensaa fi kanneen Kanaan walitti dhiyaatanii)
  • Gorsaa sirna anniisaa aduu irratti muuxannoo qabu (qorannoo, dizaayinii, leenjii, fi hordoffii) .
  • Hojiilee Diizaayinii
  • Gorsaa fooyya’iinsa qulqullinaa
  • Gorsaa leenjii ijaarsa dandeettii (Opereeshinii fiSuphaa ) raabsitoota tajaajila bishaaniif kennuu irratti muuxannoo qabu.
  • Gorsitoota  Opereeshiniifi suphaa (toora bishaanii, elektirikaa, ijaarsa gamoo, fi elektiroomakaanikaalaa) .

C. Ramaddii sadaffaa: Dhiyeessitoota Meeshaalee armaan gadii

  • Paampii Bishaanii fi Meeshaalee Elektiromakaanikaalaa. Fakkeenyaaf; paampilee bishaanii fi xuraa’aa fi paanaalota to’annoo (fuula gubbaa fi bishaan keessaaf kan ta’u – guddinni isaanii 5KW hanga 90KW gidduutti argamu).
  • Jeneretarootaafi Shuboo electrikaa. Kunis paanaalii to’annoo, boordii ibsituufi dhaamsituu, meeshaalee jijjiirraa fi shuboo electriikaa dabalateeti. (guddinni waliigalaa 45KVA hanga 300KVA gidduutti kan argamu).
  • Meeshaalee ujummoo fi walitti hiituu meeshaalee adda addaa. Fakkeenyaaf; pilaastikaa fi sibiila hunda – UPVC, PVC, HDPE, C.I., D.I, ... fi kkf) guddinaa fi boca adda addaa qaban.
  • Sirna Annisaa Aduu (sirna guutuu) bal’inaan diriirsuu fi hojii jalqabsiisuu. Fakkeenyaaf, guddina xiqqaa hanga giddu galeessaa 1KW hanga 10KW waajjiraalee, wiirtuuwwan yaalaa, fi naannoo keessatti hojii jalqabsiisuu. Kana malees, paampiin bishaanii anniisaa aduu akka fayyadamu taasisuu.
  • Taankii (Kuustuu) bishaanii dandeettii kuusaa adda addaa qaban. Fakkeenyaaf, Taankii Faayibaraa, taankii qajeelchaa, fi taankii bishaanii pilaastikaa (1m3 hanga 15m3).
  • Dhiyeessitoota paampii harkaa (AfriDev fi IndiaMark II).
  •  Keemikaala bishaan qulqulleessanu (Kiniina qulqulleessituu bishaanii(Aqua tabs), Kilooriinii (Hypochlorite HTH), fi Alum-Sulfate).
  • Dhiyeessitoota xiqqaa hanga giddugalaa Rivers Osmosisii (RO) akka fakkeenyaatti hospitaalaaf
  • Dhiyeessitoota Qodaa Nyaataa fi bobeessituu Ibidda fooyya’aa rookket istoovii(RS).
  • Dhiyeessitoota Ovenii daabboo tolchuuf oolu, maashina midhaan bukeessu, maashina daakuu biddeenaa mijeessuufi baabura midhaanii
  • Dhiyeessitoota bullukkoo fi firaashaa

2. ULAAGAA DURSAA DHIYEESSITOOTNI FILANNOOF GUUTUU QABAN
 
Ibsi ulaagaalee guutamuu qabanii qabxiilee armaan gadiitiin tarreeffamaniiru, qaamni iyyachuu fedhu ulaagaalee kana hunda guutuu qabaata 

  1. Iyyataan ragaalee seera qabeessa qabaachuu qaba akkasumas qorumsawwan fageegna naannoo KQDIA itti hojjetu waliin hojjechuuf fedhii qabachuu qaba.  
  2.  Iyyataan waggoota faayinaansii sadan darban keessatti meeshaalee baay’ina xiqqaa ta’e kallattiin fayyadamaa/fayyadamtootaaf dhiyeessuu irratti muuxannoo qabaachuu qaba.
  3. Dhiyeessaan kan biyya keessaa yoo ta’e, iyyataan ajajawwan bittaa fi ragaa raawwii hojii jalqabaa fayyadamtoota irraa kooppii mirkanaa’e ni dhiyeessuu qaba.
  4.  Iyyataan himannaa, itti gaafatamummaa, adeemsaa fi kkf bitaa biyyaan ala irraa dhufu ykn kanneen biraatiin haalawwanii fi tumaalee Ibsa Fedhii kanaa kamiyyuu irraa kan ka’e ykn isaan waliin walqabatee dhufu kamiyyuu yeroo hunda KQDIA beenyaa taasisuu qaba.
  5. Iyyataan hanga har’aatti mootummaa yookiin ejensii mootummaa kamiinuu tarree seera dhabeessotaa keessatti akka hin argamne, dhorkamaa akka hin taane ragaa mirkaneessu dhiheessuu qaba. (Affidavit shall be duly stamped and notarized). Ragaan dhiyaatu kun kan chaappaa seera qabeessaan mirkanaa’e ta’uu qaba.
  6. Dhiyeessitoonni akkaataa raawwii isaaniitiin keewwata haal-duree waliigalaa KQDIA hunda kabajuu qabu.

3. HAALA HOJII
 

  1. Iyyattoonni filataman qaama paanaalii KQDIA kan ta’an yoo ta’u kunis qaama dhiyeessitoota KQDIA ta’uun kan hojjetanu ta’a. KQDIA paanaalii dhiyeessitoota isaa waliin waliigalteewwan dhiyeessii yeroo yeroon raawwata. Dhiyeessitoonni ibsa oomishaa waliigaltee irratti tarreeffamee fi ulaagaalee hamma guutamuu qaban  haalaan hordofuu qabaatu.
  2. Dhiyeessaan CPO/Wabii Baankii Raawwii Hojii akka dhiyeessus gaafatamuu danda’a, gatiin isaas bu’uura Waliigaltee qama lamaanii KQDIAtiin kan murtaa’u ta’a.
  3. Haalli kaffaltii waliigaltee kanaa haala dhimmaa irratti hundaa’uun KQDIA fi Dhiyeessaa gidduutti mariidhaan raawwatama.
  4. Dhiyeessaan filatame seera mootummaa, imaammata, qajeelfama, ajaja fi kkf hojiiwwan armaan olii kamiyyuu ykn hunda waliin walqabatan hundi akka kabajamanu ni mirkaneessa.  
  5. Dhiyeessaan yeroodhaa yerootti ulaagaalee fi qajeelfamoota seeraa fi qajeelfama Mootummaa Itiyoophiyaa ni mallatteessa, akkasumas akka kabaju waadaa ni seena.

4.  HAALAA FI ULAAGAALEE: 
 

  1. Iyyataan guyyaa dorgommiin taasifamutti tajaajiloota Itoophiyaa keessattis ta’e biyya alaa keessatti kennaman irratti Mootummaan (Wiirtuu ykn Naannoo) /PSU kamiinuu daldala hojjachuu fi caalbaasii irratti hirmaachuu irraa dhorkamuu/ tarreeffama gurraacha/ ugguramuu hin qabaatu. Dhiyeessaan ragaan sobaa irratti argame sadarkaa kamirrattiyyuu ta’u dorgommiidhaan ala taasifama.
  2. Akkasumas, barbaachisaa ta’ee yoo argame, fedhii KQDIA irratti hundaa’uun, ragaaleen Iyyataadhaan dhiyaatan mirkaneessuu wajjin walqabatee odeeffannoo yookaan mirkaneessa dabalataa akka dhiyeessu Iyyataan gaafatamuu ni danda’a.
  3.  Sanadoonni “Ibsa Fedhii” kana deeggaruuf dhiyaatan hundi qabeenya KQDIA ta’uun iccitii cimaadhaan kan qabaman ta’u.
  4. Iyyataan (iyyattoonni) teessoo ykn ibsa quunnamtii walfakkaataa qaban fudhatama hin argatanu.
  5.  KQDIA Iyyataa Ibsa Fedhii kanaaf waliigalteedhaan ykn karaa biraatiin hin hidhamu. KQDIA adeemsa Ibsa Fedhii yoo addaan kute, jijjiire, ykn yoo dhaabe ykn tarkaanfii biroo Ibsa Fedhii kanarratti hayyamame kamiyyuu yoo fudhate, yaad-rimeewwan misooma gara fuula duraatti yaadaman ilaaluu dabalatee, Ibsa Fedhii kanaan walqabatee baasii ykn beenyaa Iyyattootaan kaffalamu kamiifuu itti gaafatamummaa hin qabaatu. Gaaffiin Ibsa Fedhii adeemsa, waliigaltee ykn dirqama waliigaltee KQDIA fi dhiyeessaa ykn kan dhiyeessaa ta’uu danda’u gidduu jiru kamiyyuu miti.
  6. Iyyataan, Haalaaf ulaagaalee armaan olitti ibsaman guutummaatti hubachuu kan qabu yoo ta’u, caalbaasiin marsaa filannoo duraa sanadoota guutuu hin taane of keessaa qabu fi haal-duree armaan olii kan hin raawwanne fudhatama hin qabu.
  7. KQDIA sababa kamiyyuu osoo hin dhiyeessin Ibsa Fedhii kamiyyuu fudhachuu ykn diduudhaaf mirga qaba. Murtiin KQDIA gama kanaan kennu kan dhumaa fi dhiyeessitoota hirmaatan hunda kan ilaallatuudha.
  8. KQDIA dhiyeessitoota yeroo dorgomsiisu rogummaa qabuun waliigaltee seenuuf waadaa hin galu. KQDIA dorgomtoota dorgomuu barbaadaniif dursee osoo hin beeksisin kutaa ykn guutummaa adeemsaa kamiyyuu dhiisuuf mirga qaba.

5.  SANADOOTA BARBAACHISANU:

Ulaagaalee ga’umsaa
Dhaabbileen fedhii qaban ulaagaalee ga’umsaa armaan gadii yoo guutan QOFA akka iyyatan kan jajjabeeffamu yoo ta’u, sanada isaanii (bakka barbaachisaa ta’etti) ulaagaalee ga’umsaa armaan gaditti ibsaman irratti hundaa’uun dhiyeessuu qabaatu. 

Ulaagaalee ga’umsaa

 

Ibsa/sanada galchamuu gabu

 

Sadarkaa

 Sanada deeggarsaa waliin kutaa ykn sadarkaa kam akka taate eeri

 

Yoo xiqqaate muuxannoo waggaa  lamaa

Ragaa muuxannoo Tajaajila ijaarsaa yookaan Gorsaa yoo xiqqaate kan waggaa lamaa

Akka barbaachisummaa isaatti qaamota taayitaa biratti galmee seera qabeessa ta’e qabaachuu

Ragaa Galmeen Dhaabbatichaa seera qabeessa ta’uu isaa mirkaneessu

 Ibsa dhaabbatichaa kan   naannoo ogummaa irratti bobba’e, waggoota muuxannoo fi ibsa abbummaa agarsiisu.

• Ibsa dhaabbatichaa kan baay’ina hojjettootaa, naannoowwan ogummaa fi muuxannoo ijoo, baay’ina waggoota hojii daldalaa agarsiisan

•Agarsiisa dandeettii hojjettootaa, qabeenya jiru, bakka bu’ummaa fi odeeffannoo abbummaa dabalatee.

•Imaammata dhaabbatichi miidhaa saalaa irratti qabu

•Company policy on child labour Imaammata dhaabbatichi humna daa’immanii irratti qabu

•Company policy on Gender (indicate the ratio of male to female employees).  Imaammata dhaabbatichi wal qixxummaa saalaa irratti (reeshoo hojjettoota dhiiraa fi dubaraa agarsiisi) qabu.

•Hubadhaa, dhaabbilee naannoo hojii Meeshaalee Qonnaa keessatti yoo xiqqaate muuxannoo waggaa lamaa qaban qofatu ilaalama.

 Ibsa Gibiraa

Kooppiin ibsa gibira galii ji’oota faayinaansii 3 darban keessatti dhiyaates jechuunis Ammajjii hanga Guraandhala 2022A.L.Atti dhiyaachuu qaba.

 

 Maallaqaan itti fufiinsa kan qabu

 ibsa Faayinaansii/Gabaasa Odiitii ykn ibsa herrega Baankii yoo xiqqaate kan waggaa 3 kan bara 2019A.L.A hanga 2021A.L.Atti

 Yaadachiisa: Ulaagaalee, kanneen kaayyoo madaallii keenyaaf odeeffannoo bu’uuraa fi dirqamaa ta’an gabaabaatti qabxiilee armaan gadiitiin kan ibsaman yoo ta’u of eeggannoodhaan guutuuf yaalaa, yoo guutuu hin taane gulaala jalqabaa irratti dorgommiin ala taasisuu danda’a.

  1. Sadarkaa ogummaa, muuxannoo pirojektoota walfakkaataa fi ragaa abbummaa meeshaalee barbaadaniif
  2. Odeeffannoo faayinaansii: Galii waggoota walitti aanaa 3n darban (adda addaan) dhibbentaa waliin
  3. Muuxannoo Dhaabbilee Gargaarsaa fi maamiltoota Ijoo: Gabaasaa Dhaabbilee Idil-addunyaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Dhaabbilee Miti-mootummaa fi maamiltoota gurguddoo waliin Waliigalteewwan dhiheenya kana taasifaman
  4. Koppii ibsa VAT dhiheenya kanaa fi waraqaa nagahee kaffaltii Waajjira Damee Abbaa Taayitaa Gumurukaa dhimmisaa ilaallatuu.

 6)  HAALA GALCHAA IBSA FEDHII
 
 Iyyattoonni fedhii qaban guyyaa fi sa’aatii dhumaa Ibsa Fedhii itti dhiyeessan jechuunis  August 31.2022 dura iyyata isaanii dhiyeessuu ni danda’u
a) Bakka Ibsi Fedhii itti dhiyaatu fi Mala geejjibaa:
 Ibsi Fedhii karaa waajjira poostaa saffisaa, iimeelii ykn harkaan gara (Kutaa Lojistikii), teessoo armaan gadiitiin ergamuu qaba.

Hogganaa Bittaa
ADD Kutaa Lojistikii 
Koree Qaxxaamuura Diimaa Idil-Adduunyaa(KQDIA)
Kutaa magaalaa Boolee, Ganda 13, Finfinnee ykn karaa iimeeliitiin
add_purchasing_services@icrc.org

b) Iyyannoowwan Faaksiin dhufan hin keessumsiifaman
c) Ibsa Fedhii Yeroo murteeffame booda dhufuuf: Ibsi fedhii kamiyyuu kan guyyaa fi sa’aatii murtaa’e booda KQDIA qaqqabe fudhatama hin argatu.
d) Yeroo xumuraa booda gaaffiin ibsa kennuu kamiyyuu hin keessummeessamu.

 
7)  IBSA ITTI GAAFATAMUMMAA 
  
 Dhimmi sanada kanaa karaa kamiinuu KQDIA adeemsa filannoo gulaala duraa ykn kutaa kamiyyuu akka itti fufu waadaa hin galu ykn karaa biraatiin dirqama hin qabu.
KQFDIAn haala fedhii isaatiin, dorgomtoota ykn kaadhimamtoota dursee osoo hin beeksisin, gulaalu, fudhachuu, dorgommiin ala taasisuu, ykn kutaa ykn guutummaa adeemsaa kamiyyuu dhiisuu ykn hambisuu ni danda’a.  KQDIAn yeroo kamiyyuu sababa tokkollee osoo hin ramadin guutummaatti EOI haquuf mirga qaba.  Odeeffannoon Ibsa Fedhii kana keessatti argamu hundi ni dalagama.
 
Odeeffannoo dabalataa fi/ykn ibsa yoo barbaaddan nu qunnamuu irraa duubatti hin jedhinaa.
 Koree Qaxxaamura Diimaa Idil-Adduunyaa
Garee bittaa

Click The Links Below to find this tender in different languages

For Amharic

For English

For Somali

Save Tender