Gurgurtaa maashinoota
Caalbaasii Ifaa Marsaa 2ffaa
Kaffalaan Taaksii Dhaabbata Barii Konstraakshin PLC jedhamu taaksi qarshi 849,534.59(kuma dhibba saddeeti fi Kuma Afurtami Sagali fi Dhibba Shanii fi Soddomi Afurii fi Saantima Shantamii Sagal) kan irraa barbaadamu oso hin kaffalin teessoon isaani Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Boorrachaa magaalaa Yaanfaa ganda 01 kan ta'an Qabeenya Abbaa Idaa Taaksii akkaata Labsii taaksi Labsii Bulchinsa Taaksii MNO/Lakk. 203/2009 Kewwata 43tiin Aangoo keenameen qabeenyaawwan kabachifaman caal-baasii gurguru akka barbaadnu Beeksisa Caal-Baasi Ifaa Marsaa 1 Gaazexaa Kallacha Oromiyaa Caamsaa 4, Bara 2014 bahee irratti maxxanfame oso jiru dhimma Kaappitaal Liizii meeshaale kaneeni irratti waanti quiquilas'u qabu jiraachu isaa irraan kan ka'e oso hin raawwattin yeroon isaa waan dhumeef yeroo amma kana immoo waajjirichi ragaa barbaachisu argate waan jiruuf qabeenyaawwan armaan gadii caal-baasii ifaa ta'een gurguru barbaada.
|
Lakk |
Meeshaale |
Gosa
|
Lakk Motoraa
|
Bara Omishaa |
Biyya Itti Omishamee |
Baayina |
Gatii Ka’uumsa |
|
Qarshi |
|||||||
|
1 |
Traaktera-90HP |
AOYE-4.4 |
L1108216678 |
2011 |
China |
1 |
300,000 |
|
2 |
Traaktera-40HP |
AOYE-4.4 |
L110821599B |
2011 |
China |
1 |
110,000 |
|
3 |
Paampii Motora |
- |
- |
- |
Koriyaa |
1 |
15,000 |
|
4 |
Miiksarii |
- |
- |
- |
Itiyoophiya |
2 |
2*85000=170,000 |
|
5 |
Trailor 1.5M3 |
METEC MEI HIT-R |
- |
- |
Itiyoophiya |
1 |
100,000 |
|
6 |
Roller |
3-Tone |
- |
- |
Itiyoophiya |
1 |
60,000 |
|
7 |
Trailor |
- |
- |
- |
China |
1 |
110,000 |
|
|
|
|
|
Ida’ama |
|
865,000 |
|
- Haala Caal-baasichaa fi Ragaa dabalataa Waajjira Galiwwanii Aanaa Boorrachaa Irraa Argachuu ni dandeessu.
- Dorgoomtoonni Sanada Caal-Baasii waajjira Galiwwanii Aanaa Boorrachaa irraa qarshii hin deebinee Qarshii 300(Dhibba Sadii) Kaffalani bitachuu ni danda'uu.
- Dorgoomtootni Gatii Ka'uumsaa Caal-Baasichaa meeshaa irratti dorgomuu barbaadani irratti CPO(Maallaqa dheedhiin 10%) dursanii qabsisuuf dirqama qaba
- Dorgoomtootni gatii meeshaale bituu barbaadan tokkon tokkon isaa ifatti lakkoofsaa fi qubeedhaan barreessani poostaatti Saamsuun Waajjira Galiwwanii Aanaa Boorrachaatti argamuun Guyyaa Caal-baasiin kun Gaazexaan Maxxanfamee irraa egalee guyyaa Hojii 15(Kudha shan) Keessatti guyyaa dhumaa hanga Sa'ati 11:00tti Saanduqa Caal-baasif qophaa'eetti galee kan cufamuu yemmuu ta'uu Guyyaa gaafa 16ffaa sa'ati 4:00tti Dorgoomtootni ykn bakka bu'aan seera bakka bu’insaattin bakka bu'an argamanitti Waajjira Galiwwani Aanaa Boorrachaatti ifaan banama
- Dorgoomtootni Caal-baasicha irratti hirmaachuu barbaadan meeshaalee kana bakka itti argamanitti qaamaan guyyaa caal-haasiin kun Gaazexaan Labsamee irraa egalee. guyyaa Hojii hunda ilaalu ni danda'u.
- Dorgomaan Caal-baasicha mo'atee CPO'n qabsiisee itti herregimeeft gatii ittin mo’ate guyyaa mo'aachuun isaa Ibsamee irraa egalee guyyoota 15(Kudha shan) Keessatti Kaffalee fixuudhaan qabeenyicha fudhachou qaba kan qabuu fi baasiwwaan adda addaa mo'ataadhaan kan uwwifamu ta'a.
- Dorgoomtootni gatii meeshaale itti mo'atan guyyoota 15(Kudha shan) Keessatti Kaffalani fixuu yoo baatan qarshiin wabiidhaaf qabsisan (CPO) Waajjirichaaf gabii ta'ee Caalbaasichi ni haagama.
- Waajjirichi Caal-baasi kanaaf haala mijataa yoo argatee gar-tokkeenis ta'ee guutummaan guutuutti Caal-baasicha haquu ni danda'a.
Hubachiisa:- Ibsa Dabalataaf Lakk. Bilbilaa 0477800062/63 ykn 0920008204 irratti bilbiluun argachu ni dandeessu.
Waajjira Galiwwani Aanaa Boorrachaa
